Fana: At a Speed of Life!

Preezdaant Saahilawarqii fi MM Dr Abiy mootii Neezarlaandis Maaksiimaa waliin mari’atan

0 148

Finfinnee, Caamsaa 7,2011(FBC)-Preezdaant Saahilawarqii fi muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad mootii Neezarlaandis Maaksiimaa waliin mari’atan.

Preezdaant Saahilawarq, mootittiin faaynaansii hammattuun akka gabbatu hojii hojjetaniif galateeffataniiru.

Muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimadis mootittii waliin waajjira isaaniitti mari’ataniiru.

 

 

 

 

Faaynaansii hammattuun dameewwan biroorratti ga’een qabu olaanaa ta’uu kaasaniiru.

Mootii Maaksiimaan gama isaanitiin, damichi akka gabbatuuf qooda fudhattoota waliin mari’achuu isaanii ibsaniiru.

Dubartoota fayyadamoo taasisuu fi duursa kennuufiirratti hojjetamuu akka qabu mari’ataniiru.

Mootii Maaksiimaan barreessaa olaanaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanitti ambaasaaddara misooma faaynaansii hammattuu yammuu ta’an guyyootii lamaaf Ityoophiyaa daawwachuuf Finfinnee dhufuun isaanii ni yaadatama.

Comments
Loading...