Fana: At a Speed of Life!

Manni marichaa Boordiin Filannoo Biyyoolessaa qophiisaa akka xumuru yaadachiise

0 110
Finfinnee, Caamsaa 7,2011(FBC)- Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa, Boordiin Filannoo Biyyoolessaa Ityoophiyaa filannoo dhuftuuf qophiisaa akka xumuru yaadachiise.
 
Filannichi amanamaa, ifa, bilisaa fi haqa qabeessa ta’ee akka xumuramu boordichi hojiisaa xumuruu qaba jedheera manni marihaa.
 
Koreen dhaabbii dhimma seeraa, haqaa fi demokraasii mana marichaa raawwii hojii baatii 9 bara baajataa 2011 dhaggeeffachuun gamaaggameera.
 
Qaamolee hawaasaa addaddaa fi hoggansa paartileetif leenjii laachun isaa akka ciminaatti ka’eera.
 
Hojii filannoo ammayyeessuuf qajeelfamoota qopheessunis akka ciminaatti kaafamee gamaaggamameera.
 
Yaata’uutii hojii riifoormii dafee raawwachuudhan filannoo fulduratti gaggeeffamuuf qophii xumuruu akka qabu dhaamameera.
Comments
Loading...