Fana: At a Speed of Life!

Manni Maree Nageenyaa Abiyeetti ergama nagaa kabachiisaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii dheeresse

0 136
Finfinnee, Caamsaa 7,2011(FBC)- Manni Maree Nageenyaa walga’iisaa kaleessa gaggeessen Abiyeetti ergama nagaa kabachiisaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii dheeresse.
 
Ergamtichis amma baatii Faranjootaa Sadaasa 2019tti dheereffameera.
 
Miseensonni mana marichaa 15n marii gaggeessaniin humna loltoota nageenyaa 3,550tti hir’isuu, miseensota poolisii 148 turan dabalatee 640tti guddisuuf waliigalaniiru.
 
Mana marichaatti ergamaan addaa Ameerikaa Joonaataan R. Koohin nagaa kabachiisaa raayyaa hir’isuun, lakkoofsa pooliootaa dabaluun yakka ittisuurratti hojii hojjetamu ni cimsa jedhaniiru.
 
Ergamaan addaa Chaayinaa Yaa’oo Sha’oojuun ammoo qaamoleen idil addunyaa dhimma keessoo biyyootaarratti dhiibbaa uumurraa akka of qusatu dhaamaniiru.
Comments
Loading...