Fana: At a Speed of Life!

Leenjisaan Qidduus Giyoorgiis Steewaart Haal kilabichaan adda ba’an

0 202
Finfinnee, Caamsaa 7,2011(FBC)- Leenjisaan Qidduus Giyoorgiis Steewaart Haal fedhii isaanitiin kilabichaan adda ba’an.
 
Leenjistichi kaleessa gaaffii kan dhiyeessan yammuu ta’u, gaaffin isaanii kilabichaan fudhatama argateera.
 
Steewaart Haal tumsa Qidduus Giyoorgiis isaanif taasisaafii tureef galateeffataniiru.
 
Boordiin kilabichaa walga’ii ariifachiisaa kaleessa gaggeessen gaaffii na gadhiisaa leenjistichaa raggaasiseera.
 
Leenjisaan lammii Ingiliiz kun jalqaba waggichaatti leenjisaa lammummaan isaanii Poorchugaal ta’an Vaaz Piintoon bakka bu’anii hojjechaa turaniiru.
 
Kilabichi irra deddeebidhaan qabxii gatuudhan dorgommii waancaarraa fagaachaa dhufuun turmaata leenjistichaa gaaffii keessa galcheera.
Comments
Loading...