Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaan fooramii diinagdee addunyaa yaa’ii Afrikaa 2020 qopheessufi

0 144

Finfinnee, Caamsaa 7,2011(FBC)- Ityoophiyaan fooramii diinagdee addunyaa yaa’ii Afrikaa 2020 qopheessuuf waliigaltee mallatteessite.

Waliigalticha muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimadii fi preezdaantiin Fooramii Diinagdee Addunyaa Boorg Breenda mallatteessaniiru.

Fooramiin diinagdee addunyaa kan bara Faranjootaa 2019 Amajjii keessa Swiizarlaand Daavuusitti yoo gaggeeffamu, fooramiin Afrikaa itti aanu Ityoophiyaatti akka gaggeeffamu murtaa’uun ni yaadatama.

Ityoophiyaan hoggansa muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimadiin biyyoota Afrikaaf hojii fakkeenyummaa qabu galmeessisaa jiraachuu preezdaantichi eeraniiru.

Yaa’ii Afrikaa Ityoophiyaan akka qopheessitu murteessuun murtee sirrii akka ta’e ibsaniiru.

Fooyyessa diinagdeetin cinaatti naannichatti nagaa fi tasgabbiin akka bu’u hojiin Ityoophiyaan hojjette kan dinqisiifatamu ta’uu eeran preezdaantichi.

Fooramichi dhaabbileen jajjaboon Ityoophiyaatti akka invast godhanii fi carraan hojii dabalataa akka uumamu ni gargaaras jedhaniiru.

Fooramichi bara Faranjootaa 2020tti Fulbaana jalqaba gaggeeffama.

Yaa’iin Afrikaa kan bara Faranjootaa 2019 Fulbaana 4 amma 6,2011tti Afrikaa Kibbaa Keeptaawanitti gaggeeffama.

Photo credit: Office of the Prime Minister-Ethiopia

Comments
Loading...