Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaan deeggarsa Sudaan itti fufti- obbo Gadduu

0 103
Finfinnee, Caamsaa 7,2011(FBC)- Ministirri Ministeera Dhimma Alaa obbo Gadduu Aandaargaachaw raawwachiistuu dhimmootaa imbaasii Sudaan Ambaasaaddar Naadiyaa Mohaammad Kayir waliin mari’atan.
 
Mariin humnoota Sudaan jidduutti gaggeeffamaa jiru haala gaarirra jiraachuun akka isaan gammachiise obbo Gadduun ibsaniiru.
 
Ityoophiyaanis deeggarsashee kan itti fuftu ta’uu himan.
 
Ityoophiyaan nageenya waaraaf xiyyeeffannaa kan laattu ta’uu fi mariin siyaasaas haala gaarirra jiraachun isaan gammachiisuu eeran.
 
Ambaasaaddarittiin gama isaanitiin dirreen siyaasaa biyyattii nagayaan akka bal’atu tasgabbiin hojjetamaa jiraachuu ibsan.
Comments
Loading...