Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaan deeggarsa baqattootaf taasisaa jirturratti mari’atame

0 118
Finfinnee, Caamsaa 7,2011(FBC)- Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanitti koomiishinarri olaanaa Koomiishinii Baqattootaa Filiippoo Graandiin Ityoophiyaan deeggarsa baqattootaf taasisaa jirturratti, Ityoophiyaatti hoggansa dhaabbatichaa waliin mari’atan.
 
Koomiishinarichi Ityoophiyaan baqattoota fayyadamoo taasisuuf hojii hojjechaa jirturratti qaamolee dhimmi isaan ilaallatu waliin mari’ataniiru.
 
Ityoophiyaan baqattoonni biyyoota addaddaa turmaata isaanitiin dameewwan addaddaarraa fayyadamoo akka ta’an hojjechaa jiraachun ishee ni beekama.
 
Kana keessaa tokko labsii baqattootaa dhiyeenya ragga’edha.
 
Labsichi baqattoonni yookin kooli gaafattoonni naannoo filatanitti mirga socho’uu, hojjechuu fi yeroo barbaadanitti biyyaa ba’uu akka qabaatan dandeessisa.
 
Ityoophiyaan yeroo ammaa baqattoota Soomaaliyaa, Sudaan, Sudaan Kibbaa fi Eertiraa kuma dhibba 9 fi kuma 20 keessummeessaa jirti.
Comments
Loading...