Fana: At a Speed of Life!

Injifannoo caalutti cee’uuf tokkummaan ummataa barbaachisaadha -obbo Shimallis Abdiisaa

0 187
Finfinnee, Caamsaa 7,2011(FBC)- Oromiyaa jijjiiruuf hoggansi ga’oome barbaachisaadha jedhan itti aanaan preezdaantii naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan.
 
Itti aanaan preezdaantichaa leenjii hoggantoota aanaalee marsaa 1ffaa magaalaa Adaamaatti guyyoottan 15n darbaniif kennamaa turee fi har’a xumuramerratti argamuudhan dhaamsa dabarsaniiru.
 
Fedhiin ummata Oromoos ta’e kan ODP ofii mataa ol qabatee kaan cabsuuf miti; tokkummaa cimsuudha malee jedhan.
 
Tokkummaan ummataa akka hin facaane cimneet hojjenna jedhaniiru itti aanaan preezdaantii naannoo Oromiyaa obbo Shimallis.
 
Injifannoo siyaasaa Oromoon argateef sababiin tokkummaadha; borus kan caalutti kan isa ceesisu tokkummaasaa qofadha jedhaniiru.
 
Ummanni Oromoo rakkoolee ce’umsa kana keessatti isa mudatan hunda xiiqidhaan keessa ba’uu qaba.
 
Warreen karaa qaxxaamuraatin aangoo ummata Oromoo of harka galchachuuf yaalan irratti ifatti qabsaa’uutu isarra jiraatan dhaamaniiru.
 
Oromoon hariiroo obbolummaa saboota kaan waliin qabu daran cimsuun akka irra jiraatus kaasaniiru.
 
Saboota daangaa Oromiyaa jiran hundaa misooman walitti hidhuudhan rakkoo isaan walitti buusuu danda’u hiikudhaaf mootummaan naannoo Oromiyaa hojjetaa jiras jedhaniiru.
 
Hoggansi gara iddoo hojii isaatti deebi’us tokkummaa ummattootaa cimsuun akka hojjetu dhaamaniiru.
Comments
Loading...