Fana: At a Speed of Life!

Gareen gaaffii damee fayyaa fi barnootarratti ka’u hiikuuf hundaa’e hojiitti galeera

0 105
Finfinnee, Caamsaa 7,2011(FBC)- Gareen gaaffilee damee fayyaa fi barnootarratti ka’u hiikuuf hundaa’e hojiitti galuusaa ministirri Ministeera Saayinsii fi Barnoota Olaanoo Proofeesar Hiiruut Waldamaariyaam himan.
 
Ministirittiin ogeeyyii fayyaa fi barattoota yuunvarsiitii mootummaa damichaa 30 irraa walitti babba’an waliin Yuunvarsiitii Finfinneetti mari’achaa jiru.
 
Gareen furmaataa hundaa’e; barnootaa fi leenjii, kaffaltii, diyuutii, bulchiinsaa fi hojimaata hoospitaalaa, akkasumas dhiyeessii galteewwaniirratti gaaffilee ka’aniif yaada gorsaa dhiyeessa.
 
Rakkoolee ka’an waaraan furuuf karaa saayinsaawaa ta’een ilaalun barbaachisaadha jedhaniiru.
 
Rakkoo qulqullina barnootaa damee fayyaarratti ka’u gareen qulqulleessuuf hundaa’e hojii eegaleera.
Comments
Loading...