Fana: At a Speed of Life!

Fooramiin daldala alaa idil addunyaa 19ffaan Finfinneetti gaggeeffamuufi

0 71
Finfinnee, Caamsaa 7,2011(FBC)- Fooramiin daldala alaa idil addunyaa 19ffaan magaalaa Finfinneetti gaggeeffamuufi.
 
Ministeerri Daldalaa fi Indaastirii FDRI fi Wiirtuun Daldalaa Idil Addunyaa Gamtaa Afrikaa waliin ta’uun fooramicha qopheessuuf waliigalaniiru.
 
Waliigaltichas ministirri Ministeera Daldalaa fi Indaastirii aadde Fatlawarq G/igzi’aabheerii fi daayreektarri olaantuu Wiirtuu Daldala Idil Addunyaa Eraanchaa Gonzaaleez mallatteessaniiru.
 
Fooramichi baatii Faranjootaa Sadaasa 18 amma 22,2011tti gaggeeffama.
 
Hoggansi biiznasii, qopheessitoonni imaammataa, ogeeyyiin daldalaa kumni 1 ol kan hirmaatan ta’uun ibsameera.
Comments
Loading...