Fana: At a Speed of Life!

Preezdaant Traamp gitasaanii Chaayinaa Shii Jiinpiing waliin kan mari’atan ta’uu beeksisan

0 139
Finfinnee, Caamsaa 6,2011(FBC)- Preezdaantiin Ameerikaa Doonaald Traamp gitasaanii Chaayinaa Shii Jiinpiing waliin kan mari’atan ta’uu beeksisan.
 
Marichis baatii itti aanu keessa kan taa’amu ta’uu ibsaniiru preezdaantichi.
 
Marichi kan taasifamu walga’ii biyyoota miseensa garee 20 Jaappaanitti gaggeeffamurratti.
 
Mariin taasifamus bu’a qabeessa akka ta’u nan amana jedhaniiru Doonaald Traamp.
 
Ibsi ni mari’annaa Traamp kun yeroo hariiroon daldalaa biyyoota lamaanii laafaa dhufetti ta’uun isaa xiyyeeffannaa akka argatu taasiseera.
 
Ameerikaan oomishaalee Chaayinaa Doolaara Ameerikaa biiliyoona 200 baasanirratti qaraxa dabalataa keessetti.
 
Chaayinaan ammoo oomishaalee Ameerikaa Doolaara biiliyoona 60 baasanirratti qaraxa dabalataa keessetti.
 
Ameerikaan baatii itti aanutti oomishaalee Chaayinaa Doolaara biiliyoona dhibba 3 baasanirratti qaraxa dabalataa kaa’uf yaaddetti.
 
Maddi; Rooytars
 
Comments
Loading...