Fana: At a Speed of Life!

Mersediiz Beenz konkolaattota anniisaa haaromu fayyadaman hojiirra oolchufi

0 206
Finfinnee, Caamsaa 6,2011(FBC)- Mersediiz Beenz bara 2039tti konkolaattonnisaa hundi anniisaa haaromuun kan fayyadaman ta’uu ifoomse.
 
Dhaabbanni konkolaataa oomishuun beekamu kun waggaa 20 booda konkolaattonni oomishu hundi anniisaa haaromuun kan socho’an ta’uu ibseera.
 
Konkolaattonni oomishu gadilakkisa kaarboniirraa bilisa akka ta’an hojjechaan jira jedheera.
 
Bara Faranjootaa 2039tti konkolaattonnikoo anniisaa haaromu; elektiriikatti akka fayyadaman nan taasisa jedheera.
 
Sana keessa konkolaattotasaa boba’aadhan hojjetan hir’isuuf kan hojjetu ta’uu eerera.
 
Bara Faranjootaa 2022tti konkolaattota anniisaa bubbee fi kan birootti fayyadaman hojiirra oolchuuf karoorsee hojjechaa jiraachuu ibse.
 
Voolswaagan kanaan dura bara Faranjootaa 2050tti konkolaattota gadilakkisa kaarbaniirraa bilisa ta’an oomishuuf karoorsuu isaa ifoomsun ni yaadatama.
 
Maddi; CNN
 
Comments
Loading...