Fana: At a Speed of Life!

Haqqee fi garaa kaasaa to’achuuf hojjetamaa jira

0 106
Finfinnee, Caamsaa 6,2011(FBC)- Haqqee fi garaa kaasaa to’achuuf ogeeyyii fayyaa 205 bobbaasuusaa Inistiitiyuutiin Fayyaa Hawaasummaa Ityoophiyaa beeksise.
 
Daayreektarri olaanaa inistiitiyuutichaa Dooktar Bayyanaa Mogas dhimmicha ilaalchisee har’a ibsa laataniiru.
 
Weerarri haqqee fi garaa kaasaa naannoo Amaaraa godina Goondar Kaabaa aanaalee Xallamtii fi Yadaatti, akkasumas bulchiinsa sablammii Waaghimraa aanaa Abargalleetti namoota 174 irratti weerarichi muul’ateera.
 
Abargalleetti namoonni 61, aanaa Xallamtitti namoonni 110 fi aanaa Bayadaatti namoonni 4 dhibichaan qabamuu shakkamaniiru.
 
Weerarichi akka hin babal’anne hojjetamaa jiraachuu Dooktar Bayyanaan himaniiru.
 
Torbeewwan 6n darban weeraricha to’achuuf hojjetamaa turuus eeraniiru.
 
Dhibicha to’achuu fi tajaajila fayyaa lammiilee sababii addaddaatin qayee isaanitirraa buqqa’aniif Birrii miiliyoonni 74.9 baasiita’uu ibsaniiru.
Comments
Loading...