Fana: At a Speed of Life!

Fooramiin biiznasii Ityoo Awrooppaa Braasalsitti gaggeeffamaa jira

0 72
Finfinnee, Caamsaa 6,2011(FBC)- Fooramiin biiznasii Ityoo Awrooppaa Braasalsitti gaggeeffamaa jira.
 
Fooramichi carraalee invastimantii Ityoophiyaa beeksisuu carraa gaaridha jedhameera.
 
Invastaroota Awrooppaa Ityoophiyaatti bobba’uu barbaadan bakka tokkotti argachuu kan dandeessisudha.
 
Fooramicharratti hoggansi dhaabbata konkolaataa oomishu Voolsiwaagan, dhaabbata nyaataa dhugaatii, eegumsa miidhaginaa fi kan birootin beekamu Yuuniiliivar argamaniiru.
 
Carraa invastimantii, gabaa, qabeenya Ityoophiyaan qabdurrattis mari’atameera.
 
Koomiishinarri Koomiishinii Invastimantii Ityoophiyaa obbo Abbabaa Ababaayyahu akka beeksisanitti, invastaroonni Ityoophiyaa waltajjicharratti hirmaachaa jiru.
 
Fooramiin har’a eegalame amma boorutti kan itti fufudha.
Comments
Loading...