Fana: At a Speed of Life!

Tigraayitti boba’aan argamuu Dr Dabratsiyoon G/mikaa’eel himan

0 225

Finfinnee, Caamsaa 5,2011(FBC)- Naannoo Tigraayitti boba’aan addaa argamuu itti aanaan preezdaantii naannichaa Dooktar Dabratsiyoon G/mikaa’eel himan.

Dooktar Dabratsiyoon kana kan jedhan har’a sagantaa ebba dhaabbata Paarkii Indaastirii Maqaleetti bobba’e KPR Ekispoort irratti.

Naannoo gaarren Imbaa Alaajaa, Naballatii fi Addigiraatitti boba’aan addaa qorannaadhan argamuu mirkanaa’uu ibsaniiru.

Boba’aan kunis dhagaa caccabsuu fi baqsuun kan argamudha jedhan.

Qabeenya kanammoo faayidaarra oolchuuf invastimantii jabaa kan barbaadu ta’uu eeraniiru.

Qabeenya kanatti fayyadamuuf dhaabbilee idil addunyaa muuxannoo qaban bobbaasuun irratti hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

KPR Ekispoort dhaabbata oomisha huccuurratti bobba’e kan biyya Hindii yammuu ta’u, kaappitaala ka’umsaa Birrii miiliyoona 2.5 hojii jalqabeera.

Amma ammaattis marsaa 2n huccuu kuma dhibba 2 ol biyya alaatti ergeera.

Dhaabbatichi dargaggoota 700f carraa hojii uumera.

Dastaa Takkaatu gabaase.

Comments
Loading...