Fana: At a Speed of Life!

Siitiin shaampiyoonaa ta’e

0 164
Finfinnee, Caamsaa 5,2011(FBC)- Maancheestar Siitiin priimiyar liigii Ingiliiz 2018/2019n shaampiyoonaa ta’e.
 
Tapha kaleessa gaggeeffameen Maancheestar Siitiin Braaytan 4f 1n injifachuun shaampiyoonaa ta’eera.
 
Shaampiyoonaa priimiyar liigichaa ta’uuf haala gaarirra kan ture Liivarpuul; Woolvis 2f 0n injifatus shaampiyoonaa osoo hin ta’in hafeera.
 
Tapha kaleessatiin Maancheestar Siitii fi Liivarpuul dorgomtoota isaanii injifatanis, Siitiin qabxii duraan qabuun Liivarpuulirra qabxii 1n caalee shaampiyoonaa priimiyar liigii Ingiliiz kan bara 2018/2019 ta’uu danda’eera.
 
Liivarpuul qabxii 97n lammaffaa ba’uun saganticha xumureera.
Comments
Loading...