Fana: At a Speed of Life!

Priimiyar liigii Ingiliizin taphattoonni Afrikaa 3 kophee warqee badhaafaman

0 166

Finfinnee, Caamsaa 5,2011(FBC)- Priimiyar liigii Ingiliiz kaleessa xumurameen taphattoonni Afrikaa 3 kophee warqee badhaafaman.

Taphattoota Liivarpuul Mohaammad Saalaahii fi Saadiyoo, akkasumas taphataan Arsenaal Obmiyaang priimiyar liigichaan qixa galchii 22 gumaachuun xumuruu isaanitiin badhaasa kophee warqee badhaafamaniiru.

Mohaammad Saalaah kubbaawwan galchii ta’an hedduu gumaachuun badhaafamtoota lamaan akka caalu Daylii Meeyil gabaasera.

Afrikaanonni 3 galchii olaanadhaan uurjii ta’anii badhaasa kophee warqee waliin yoo badhaafaman kun kan jalqabaati.

Taphattoonni 3 priimiyar liigii Ingiliizin badhaasa waloo yoo argatan si’a 3ffaadhafi.

Comments
Loading...