Fana: At a Speed of Life!

MM Dr Abiy preezdaantota naannoo, kantiibotaa fi hoggansa Biirolee Fayyaa waliin mari’achuufi

0 172

Finfinnee, Caamsaa 5,2011(FBC)- Muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad preezdaantota naannoo, kantiibotaa fi hoggansa Biirolee Fayyaa naannolee waliin mari’achuufi.

Marichi gaaffilee ogeeyyiin fayyaa kaasaniif deebii laachuuf waltajjii kanaan dura qophaa’ee turetti kan aanedha.

Torbee kana keessa ogeeyyii fayyaa naannoo Oromiyaa, Kibbaa fi Amaaraa waliin kan mari’atan ta’uu ministirri Ministeera Eegumsa Fayyaa Dooktar Amiir Amaan ibsaniiru.

Naannolee fi bulchiinsonni magaalotaa kaanis dhiyeenyatti maricha ni qopheessu.

Comments
Loading...