Fana: At a Speed of Life!

Koreen teeknikaa daangaa waloo Ityoophiyaa fi Keeniyaa walga’eera

0 88
Finfinnee, Caamsaa 5,2011(FBC)- Koreen teeknikaa daangaa waloo Ityoophiyaa fi Keeniyaa walga’iisaa gaggeessaa jira.
 
Walga’ichis har’a Caamsaa 5 eegalee amma Caamsaa 9,2011 magaalaa Moombaasaatti taa’ama.
 
Waltajjiin waloo bulchiinsaa fi koomiishinaraa 32ffaan waggaa kana keessa magaalaa Adaamaatti gaggeeffamuun ni yaadatama.
 
Kallattiin waltajjichaan kaa’ames milkiin itti deemama jiraachuu Keeniyaatti Imbaasiin Ityoophiyaa beeksiseera.
 
Raawwii waliigaltee daangaa Ityoophiyaa fi Keeniyaa kan bara 1970, waggaa itti aanutti hojii daangaaf baajata qabachuurrattis ni mari’atama.
Comments
Loading...