Fana: At a Speed of Life!

Koreen Olompiika Ityoophiyaa atleetota riikardii fooyyessaniif badhaasa gumaache

0 139

Finfinnee, Caamsaa 5,2011(FBC)- Koreen Olompiika Ityoophiyaa atleetota riikardii fooyyessaniif badhaasa gumaache.

Korichi atleetota shaampiyoonaa atleetiksii Ityoophiyaa 48ffaa irratti hirmaatanii riikardii kanaan dura ture fooyyessaniifi badhaasicha kan laate.

Haaluma kanaan atleetonni 9 tokkoon tokkoon isaanii badhaasa Birrii kuma 10 argataniiru.

Sirna cufiinsa dorgommicharratti argamuudhan badhaasicha kan laatan preezdaantii korichaa Dooktar Ashabbir W/goorgisi.

Shaampiyoonaan atleetiksii Ityoophiyaa Eebila 29,2011 eegalee istaadiyamii magaalaa Finfinneetti gaggeeffamaa ture kaleessa Caamsaa 4,2011 xumurameera.

Comments
Loading...