Fana: At a Speed of Life!

Jaappaan baabura ariitiin addunyaarraa 1ffaa oomishite

0 218

Finfinnee, Caamsaa 4,2011(FBC)-Jaappaan baabura ariitiin addunyaarraa 1ffaa ta’e oomishite.

Baaburri Jaappaanin oomishame kunis boca rasaasaa kan qabu ta’uu ibsameera.

Jaappaan baaburichas bifa galma ga’eessa ta’een yaaluu ishee ibsitee jirti.

Baaburri haaraan Jaappaan yaalte kun sa’aa tokkotti kiilo meetira 400 imaluu akka danda’us ibsameera.

Baaburichi mijaa’inaan addunyaarra dorgomaa hin qabus jedhameera.

Baabura haaraa kana Jaappaan akka lakkoofsa Faranjootaa 2020tti dorgommii olompikii gannaa qopheessitu irratti hojiirra akka oolchitu ibsameera.

Maddi;CNN

Comments
Loading...