Fana: At a Speed of Life!

Twiiteer marsariitii shororkeessummaa jajjabeessaan ittise

0 247

Finfinnee, Caamsaa 2, 2011(FBC)-Twiiteer marsariitii  ergaa shororkeessummaa fi ilaalcha dhiphummaa jajjabeessanii fi daddabarsan kuma 100 fi kuma 66 fi dhibba 1 fi 53 fuula isaa irraa ittise.

Miidiyaan hawaasichaa namoota fuula isaa irratti yaada shororkeessummaa fi dhiphummaa jajjabeessaan daddabarsan irratti tarkaanfii fudhachuu isaa beeksiseera.

Bu’uura kanaan dhaabbatichi walakeessa waggaa darbee irraa kaasee marsariitii shororkeessummaa fi yaada jibbiinsaa tamsaasan fuula isaa irraa ittisuu ibseera.

Dhaabbatichi dhimmicha ilaalchisee ibsa kenneen, erga taarkanfichi fudhatamee ergaawwan shororkeessummaa fi yaada jibbiinsaa deeggaran hir’achuu beeksiseera.

Rakkinicha hundeerraa furuuf Feesbuukii fi Googiil waliin hojjechaa jiraachuu ibseera.

Maddi;CGTN

Comments
Loading...