Fana: At a Speed of Life!

Naayjeeriyaatti loltoonni daa’immanii 894 gadhiifaman

0 501

Finfinnee, Caamsaa 2, 2011(FBC)-Naayjeeriyaatti daa’imman miseensa waraanaa keessa turan 894 gadhiifamuu Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii beeksiseera.

Daa’imman kunneen garee humna ummataa hidhattoota Booko Haraam balleessuuf hundaa’e keessatti loltummaan tajaajilaa kan turan ta’uu ibsameera.

Humni ummatichaa garee shoroorkeessaa Booko Haraam barbadeessuuf mootummaa cinaa kan dhaabbatu ta’uu  ibseera.

Loltoota daa’immaanii yeroo ammaa gadhiifaman keessaa 106 dubartoota ta’uu ibsameera.

Gadhiifamuun daa’immanii kun humni ummatichaa daa’imman loltummaaf fayyadamuu dhiisuuf waadaa gale irratti hundaa’uuni jedhameera.

Daa’imman amma gadhiifaman kunneen jireenya idilee isaanii akka jiraataniif hojiin hawaasan isaan walitti makuu akka hojjetamus ibsameera.

Daa’imman naannawa Kaaba Baha Naayjeeriyaatti argaman baay’een isaanii garee shoroorkeessichaan leenjifamanii ergamni akka kennamuuf dhaabbatichi beeksiseera.

Maddi;BBC

Comments
Loading...