Fana: At a Speed of Life!

Walitti bu’iinsa Beenishaanguul Guumzin shakkamanni 62 to’atamaniiru

0 94
Finfinnee, Caamsaa 1,2011(FBC)- Naannoo Beenishaanguul Guumz godina Matakkal Maambuukii fi naannawa isaatti walitti bu’iinsa uumamee tureen namoonni shakkamanii to’annaa jala oolan 62 qaqqabuu poolisiin beeksise.
 
Koomiishinarri Koomiishinii Poolisii Naannoo Beenishaanguul Guumz Mahaammad Hamdaniil akka jedhanitti, Maambuukii fi naannawni isaa gara tasgabbii duraatti deebi’eera.
 
Rakkoo nageenyaa tureen tajaajilli geejibaa Asoosaa – Gilgal Balas, Gilgal Balas – Maambuuk, Gilgal Balas – Paawwee – Paawwee – Jaawwii – Maankuushii fi magaalota biroo kaleessa eegalee tajaajila laachuu eegaleera jedhaniiru koomiishinarichi.
 
Gareen sababii walitti bu’iinsaa qoratu naannoo fi federaalarraa hundaa’e hojiisaa hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.
 
Maambuuki fi naannawa isaatii shakkamtoonni qabaman 50, Jaawwiidhaa ammoo 12 guutuu eeraniiru.
Comments
Loading...