Fana: At a Speed of Life!

Jarman addunyarraa yeroo calqabaaf daandii ariifataa elektirikii konkolaattoota fe’iinsaa bante

0 133

Finfinnee, Eebila 30, 2011(FBC)- Jarman qabeenya jijjiirama qilleensaaf bu’aa akka qabu kan ibsame addunyarraa yeroo calqabaaf daandii ariifataa elektirikii konkolaattoota fe’iinsaa bante.

Konkolaattoonni fe’iinsaa kunneen boba’aa hedduu kan hin fudhane, magaalota kan hin faallee fi qabeenya jijjiirama qilleensaa irraan kan dhiibbaa hin geechisne ta’uu ibsameera.

Sararoota humna elektirikii kennan fayyadamuun rakkinootaaf furmaata akka ta’u Jarman ni amanti.

Konkolaattoonni fe’iinsaa humna kan argatan sararoota elektirikii gubbaan diriirfamanii fi gamada elektirikii kiilo meetiroota 10n uwwisan irraa ta’uu dubbatameera.

Konkolaattoonni kunneen yoo xiqqaate sa’aa 1 keessatti fageenya KM 90 akka imaluu danda’an ibsameera.

Jarmanitti yaaliin akkanaa daandii ummataa irratti godhamuun yeroo calqabaaf ta’uu ibsameera.

Mootummaan Jarman konkolaattoota sirna kana fayyadaman oomishuuf Doolaara Ameerikaa miiliyoona 77 baasii godheera.

Sirni haaraan kun abbaan qabeenyaa konkolaataa fe’iinsaa tokko deemsa fageenya  kiilo meetira kuma 100 godhuuf baasii boba’aaf baasu Doolaara Ameerikaa kuma 22 fi 370 qusachuu dandeesisa jedhameera.

Maddi; CNN

 

 

 

Comments
Loading...