Fana: At a Speed of Life!

Koomishiniin Invastimantii Ityoophiyaa dhaabbilee Chaayinaa adda addaa waliin waliigaltee 4 walii mallatteesse

0 162

Finfinnee, Eebila 18, 2011(FBC)-Yaa’ii Beeltii fi Rood idil addunyaa 2ffaa Chaayinaatti gaggeeffamaa jiru cinaatti Koomishiniin Invastimantii Ityoophiyaa dhaabbilee Chaayinaa adda addaa waliin waliigaltee 4 walii mallatteesseera.

Isaanis:
1.Dhaabbanni Garee Teeyseenii fi Giriin Daaymaand jedhamu naannoo Beenishaanguul Gumuuzitti magaalaa Asoosaatti waraqaa hanga toonii miiliyoona 1 waggaan oomishuuf waliigalticha mallatteesseera.

2.Dhaabbanni maxxansaa ‘Amitiy’ jedhamu Ityoophiyaatti mana maxxansaa banuuf waliigalticha mallatteesseera.

3.Dhaabbanni garee CGCOC waggaan loowwan kuma 300 fi hoolota miiliyoona 3 gabaaf dhiyeessuu fi qeeraa foonii ijaaruuf waliigalticha mallatteesseera.

4.Dhaabbanni ‘Zhende’ meeshalee yaalii fayyaa oomishu Paarkii indaastirii Qilinxootti meeshalee tajaajila yaalii fayyaaf oolan kanneen akka meeshalee yaalii fayyaa madaa waldhaanan, meeshalee baqaqsanii waldhaanuuf gargaaraanii fi meeshalee waldhaansa fayyaaf tajaajilu biroo oomishuuf waliigaltiicha mallatteessuu odeeffannoon Waajjira Muummee Ministiraa irraa arganne ni mul’isa.

Comments
Loading...