Fana: At a Speed of Life!

Heelikoopteera Eerweeyiis Traansineeshiin irra balaan gahe

0 204

Finfinnee, Eebila 18, 2011(FBC)- Heelikoopteerri qabeenyummaan isaa Eerweeyiis Traansineeshiin Buufata Xiyyaaraa Boolee Idil Addunyaa irraa ka’ee osoo balali’aa jiruu naannawa Boolee Bulbulaatti balaan irra gahuu ibsameera.

Heelikoopteericha keessaatti imaltoonni 5 fi balalistoonni 2 akka argaman ibsameera.

Balaa kanaan imaltootarras ta’ee balalistootarra miidhaan akka irra hin geenye daayreektarri olaanaa Siiviil Avyeeshinii Ityoophiyaa Koloneel Waaseniyeleh Huneenyaw dubbataniiru.

Ka’umsi balichaa fi miidhaan gahe qoratamaa jiraachuus dubbataniiru daayreektarichi.

Eerweeyiis Traansineeshiin miseensa dhaabbata Miidrook Gruup Teeknooloojii ta’uu ragaaleen ni mul’isu

Comments
Loading...