Fana: At a Speed of Life!

Daandiin Baaburaa Finfinnee Jibutii kaka’umsa Beelt fi Rood biyyoota walqunnamsiisuuf qabu kan agarsiisu-MM Dr. Abiy Ahimad

0 159

Finfinnee, Eebila 18, 2011(FBC)-Muummeen ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad sirna baniinsa yaa’ii walta’iinsa idil addunyaa 2ffaa Beelt fi Rood Chaayinaatti gaggeeffamaa jirurratti hirmaachaa jiru.

Sirna baniinsaa kana irratti muummeen ministiraa Dooktar Abiy Ahimad haasaa taasisaniin, daandiin baaburaa Finfinnee Jibutii gumaachi inni daldala biyyoota lamaanii si’oomsuuf qabu kaayyoo kaka’umsa Beelt fi Rood kan agarsiisuudha jedhan.

Dooktar Abiy imaammata diinagdee haaraa invastimantiin durfamuu fi kallattii jijjiiramaa gara fuulduraa hirmaattoota ya’iichaf ibsaniiru.

Dabalataan muummeen ministiraa invastaroonni carraawwan haaraa banaman kanatti fayyadamuudhaan Ityoophiyaa keessatti akka invast godhan waamicha dhiyeessaniiru.

Chaayinaan adda dureen michuu daldalaa fi invastimantii Ityoophiyaa ta’uu ishees kaasaniiru Dooktar Abiy.

Comments
Loading...