Fana: At a Speed of Life!

Ayyaanni Fannoo guutuu Ityoophiyaatti kabajamaa jira

0 132

Finfinnee, Eebila 18,2011(FBC)- Ayyaanni Fannoo guutuu Ityoophiyaatti sirnoota amantaa adda addaan kabajamaa jira.

Guyyaa har’aa hordoftoonni Amantaa Kiristaanaa guyyaa Iyyasuus Kiristoos itti fannifame kadhannaa fi nyaata lagachuun yaadachaa oolu.

Ayyaanni Fannoo mana amantaa Ortodooksii Ityoophiyaatti, mana amantaa Kaatoliikii Ityoophiyaatti, mana amantaa Gamtaa Kiristaanaa wangeelaa fi akkasumas manneen amantaa kanneen biroo keessatti haala hoo’aa ta’een kabajamaa oola.

Ayyaanichi guyyaa har’aa kan kabajamu guyyaa yaadannoo  Iyyasuus Kiristoos cubbuu namaaf jedhee gatii guddaa itti kanfale yaadachuuf jedhameeti.

Ayyaanichi Ityoophiyaatti dabalatee biyyoota biroo hordoftoonni Amantaa Kiristaanaa jiranitti sirnoota adda addaan kabajamaa oola.

 

Comments
Loading...