Fana: At a Speed of Life!

Preezdaant Kiim Joong Uun fi Preezdaant Viilaadmiir Puutiin walgahan

0 442

Finfinnee, Eebila 17, 2011(FBC)-Preezdaantiin Kooriyaa Kaabaa Kiim Joong Uun fi Preezdaantiin Raashiyaa Viilaadmiir Puutiin yeroo calqabaaf walgahan.

Qondaaltonni lameen kan walgahanis magaalaa Viiladvoostook Baha Raashiyaatti argamtu keessatti jedhameera.

Kiimii fi Puutiin  akkaataa dachee Kooriyaa nuukleeraa irraa bilisa gochuun itti danda’amu irratti ni mari’atus jedhameera.

Dabalataanis Kiim Joong Uun mariin isaan dhimma nuukleeraa irratti preezdaantii Ameerikaa Doonaald Traamp waliin godhan milkaa’uu dhabuun walqabatee, Kiim preezdaantii Raashiyaa irraa deeggarsa gaaffachuus ni danda’u jedhameera.

Kiim kaleessa yemmuu Raashiyaa galan qondaaltota biyyattiin simannaan hoo’aan godhameefii ture.

Kiim ibsa miidiyaalee biyyattiif kennaniin daawwiin kiyya bu’aa qabeessa fi faayidaa qabeesssa ta’a jedheen abdii qaba jedhaniiru.

Dhimma nuukleeraa cinaattis dabalataan hariiroo Kooriyaa Kaabaa fi Raashiyaa gama hundaan cimsuuf preezdaant Puutiin waliin marii akka taasisanis preezdaant Kiim dubbataniiru.

Maddi; BBC

 

Comments
Loading...