Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaan obbo Yohannis Nasiibuu Ameerikaaf dabarsitee kennuufi

0 323

Finfinnee, Eebila 17, 2011(FBC)-Ityoophiyaan du’a namoota lamaan shakkamee Ameerikaan kan barbaadamu obbo Yohannis Nasiibuu Waashiingteeniif dabarsitee kennuuf jetti.

Obbo Yohannis Nasiibuu dhalootan Ityoophiyaa lammummaan immoo Ameerikaadha.

Innis kutaa bulchiinsa Ameerikaa Vaarjiiniyaa keessatti ajjeechaa lammiilee Ityoophiyaa 2 irratti raawwatameen shakkamee poolisii biyyattiin kan barbaadamu yoo ta’u, Ityoophiyaanis shakkamaa kana mootummaa Ameerikaaf dabarsitee kennuuf murteessuun ishee ibsameera.

Abbaan Alangee Waliigalaa Federaalaa ibsa FBCf kenneen akka mul’iseetti, Diiviizhiniin Dhimmoota Yakkaa Biiroo Haqaa Ameerikaa kutaa bulchiinsa Ameerikaa Vaarjiiniyaa keessatti ajjeechaa lammiilee Ityoophiyaa 2 irratti raawwatameenii fi seeraan ala meeshalee waraanaa lama fayyadamuun kan shakkamee yeroo ammaa kana Ityoophiyaa keessatti argamu obbo Yohannis Nasiibuu akka dabarfamee kennamuuf gaaffateera.

Ityoophiyaanis gaafficha fudhachuuf kan ishee dandeesisu ragaa mootummaan Ameerikaa akka kennuuf gochuu ishee daayreektarri Koominikeeshinii Abbaa Alangee Waliigalaa Obbo Zinaabuu Tulluu dubbataniiru.

Bu’uura kanaan Ameerikaan bu’aa qorannoo yakka hojjetamee sanadaan walqabsiisuun Ityoophiyaaf dhiyeessuu ishees ibsaniiru.

Yeroo ammaa kana shakkamaan kun Ityoophiyaa keessatti to’annaa jala kan oolfame yoo ta’u, shakkamicha dabarsanii kennuuf haaldureen barbaachisu dhiyaachaa jiraachuus obbo Zinaabuun dabalanii ibsaniiru.

Comments
Loading...