Fana: At a Speed of Life!

Ayyaanni kadhannaa Kamisaa kabajamaa jira

0 104

Finfinnee, Eebila 17,2011(FBC)- Ayyaanni kadhannaa Kamisaa har’a sagantaalee adda ddaatin kabajamaa jira.

Ayyaanni kadhannaa Kamisaa mana amantaa Ortodooksii Ityoophiyaa fi Kaatoliikii Ityoophiyaatti naamusa gaarii Iyyasuus Kiristoos yaadachuun sirnoota addaddaan kabajamaa jira.

Kiristoos guyyaa har’aa miila duuka buutotasaa dhiquudhan, naamusa gaarii fi ajajamuu inni barsiise yaadachuun ayyaanichi kabajamaa jira.

Kaatedraala Sillaaseetti paatriyaarkiin Ortodooksii Ityoophiyaa, phaaphaasonnii fi abbootiin amantaa miila hordoftoota amantichaa dhiquun ayyaanicha kabajaa jiru.

Haaluma walfakkaatun mana amantaa Kaatoliikii Ityoophiyaa Kaatedraala Lidataa Maaramiitti phaaphaasonnii, abbootiin amantaa fi hordoftoonni amantichaa bakka argamanitti sirnoota adda addaan kabajamaa jira.

Comments
Loading...