Fana: At a Speed of Life!

Preezdaantiin Soomaaliyaa Eertiraa jiru

0 164
Finfinnee, Eebila 16, 2011(FBC)- Preezdaantiin Soomaaliyaa Muhaammad Abdullaahii Mohaammad daawwii hojiitif Eertiraa jiru.
 
Preezdaantichi buufata xiyyaaraa idil addunyaa Asmaraa yammuu ga’an preezdaantii Eertiraa Isaayyaas Afawarqiitin simannaan taasifameefira.
 
Ministirri Ministeera Beeksisaa Eertiraa obbo Yamaanah G/masqal akka beeksisanitti, preezdaanticha waliin ministirri Ministeera Barnootaa Soomaaliyaa fi hoggansi biroo Asmaraa galaniiru.
 
Jilli Soomaaliyaa kun turtii isaatin preezdaant Isaayyaas Afawarqii fi hoggansa biroo waliin ni mari’ata.
 
Preezdaantiin Soomaaliyaa baatii 4 dura Eertiraa daawwachuun isaanii ni yaadatama.
 
 
Comments
Loading...