Fana: At a Speed of Life!

Manni Murtii Braaziil murtii hidhaa preezdaantii biyyattii duraanii Luulaa Daasilvaa  hir’ise

0 519

Finfinnee, Eebila 16, 2011(FBC)-Manni Murtii Braaziil beelama murtii gaafa Kibxataa taa’een murtii hidhaa preezdaantii biyyattii duraanii Luulaa Daasilvaa  irratti waggaa 12 fi ji’a 1 murteeffamee ture gara waggaa 8 fi ji’a 10tti hir’isuufin ibsameera.

Luulaa Daasilvaan  yakka malaammaltummaan shakkamanii aangoo isaanii irraa kaafamuun mana murtiitti dhiyaatanii hidhaan waggaa 12 fi ji’a 1 irratti murtaa’uun ni yaadatama.

Manni Murtii Sadarkaa 2ffaa Ol Aanaa Braaziil ol iyyannoo preezdaantii duraanii Luulaa Daasilvaa ilaaluuni kan murtii isaan irratti darbee ture kan hir’iseefi.

Deeggartoonni preezdaantichaa garuu Luulaa Daasilvaan yakka kamiraayyuu bilisa waan ta’aniif, bilisa gadhiifamuu qabu jedhanii mormii isaanii dhageesisaa jiru.

Luulaa Daasilvaan Braaziil preezdaantummaan akka lakkoofsa Faranjootaa 2003 hanga 2010tti dursuun isaanii ni yaadatama.

Maddi: Aljaziiraa

Comments
Loading...