Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaa fi Chaayinaan waliigalteewwan 5 walii mallatteessan

0 226
Finfinnee, Eebila 16, 2011(FBC)-Muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad muummee ministiraa Chaayinaa Lii Keekiyaang waliin mari’atan.
 
Jilli Ityoophiyaa muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimadiin duurfamu dhimmoota hariiroo biyyoota lamaanii cimsanirratti muummee ministiraa Chaayinaa Lii Keekiyaang waliin mari’ataniiru.
 
Muummee ministiraa Lii Keekiyaang Ityoophiyaan hojii diinagdeeshee fooyyessuuf taasisturratti biyyi isaanii tumsa kan taasistu ta’uu ibsaniiru.
 
Dureewwan lamaan waliigalteewwan addaddaa 5 mallatteessisaniiru.
 
Isaanis waliigaltee;
1. Proojaktii Shaggar miidhagsuu kiilo meetira 12,
2. Tumsa teeknikaa,
3. Deeggarsa nyaataa,
4. Karoora waggaa 5 rood beelt
5. Waltajjii waliigaltee Chaayinaa Afrikaati.
Comments
Loading...