Fana: At a Speed of Life!

Saqoxaatti Birriin sobaa abbaa dhibbaa kumni 14 fi 800 ol qabame

0 142

Finfinnee, Eebila 15, 2011(FBC)-Godina bulchiinsa sablammii Waaghimraa magaalaa Saqoxaatti Birriin sobaa abbaa dhibbaa kumni 14 fi 800 ol qabamuu poolisiin beeksiseera.

Birriin sobaa kunis tajaajila bittaa fi gurgurtaa ayyaana du’aa ka’uu Gooftaa Iyyasuus Kiristoosiif kan qophaa’an ta’uu ibsameera.

Abbaan adeemsaa ittisa yakkaa waliigaala hawaasaa Waajjira Poolisii bulchiinsa magaalichaa Gargaaraan Iniispeektaraa Kaasahuun Ayyalaa Birriin abbaa dhibbaa kunneen kan qabaman kaleessa galgala sa’aa 2:00 irratti ta’uu ibsaniiru.

Birriin kunneenis qabamuu kan danda’an eeruu ummatarraa qaqqabe bu’uura godhachuun hordoffii poolisiin taasiseen ta’uu ibsameera.

Shakkamaan garuu yeroof kan miliqe ta’uus ibsaniiru.

Poolisiin gabaa ayyaanan walqabatee yakki walfakkaataan akka hin raawwanneef, hawaasa barsiisaa jiraachuus Gargaaraan Iniispeektaraa Kaasahuun dubbataniiru.

Maddi;Eejansii Tajaajila Oduu Ityoophiyaa

 

 

Comments
Loading...