Fana: At a Speed of Life!

Preezdaantiin Gibts Abduul Fattaa Alsiisii Sudaanii fi Liibiyaa mariisisuufi

0 449

Finfinnee, Eebila 15, 2011(FBC)- Dura taa’aan Gamtaa Afrikaa yeroo ammaa fi preezdaantiin Gibts Abduul Fattaa Alsiisii dhimmoota yeroo ammaa Sudaanii fi Liibiyaa keessatti nageenyaan walqabatee mul’atan ilaalchisee   biyyoota lameen waliin mari’achuuf  ta’uu ibsameera.

Walgahiin  ariifachiisaa Preezdaantichi guyyaa har’aa Kaayrootti waaman haala siyaasaa yeroo ammaa biyyoota lameenii irratti kan xiyyeeffateedhas jedhameera.

Walgahichaan jijjiiramoota erga humni waraanaa Sudaan aangoo qabatee booda dhufee fi haala walitti bu’iinsa Liibiyaa keessatti mudate ittiin furuun danda’amu irratti ni mari’atus jedhameera.

Walgahii kana irratti qondaaltonni  Chaad, Ruwaandaa, Koongoo, Somaaliyaa, Jibutii fi Afrikaa Kibbaa irratti ni hirmaatu jedhameera.

Kana malees Ityoophiyaa, Sudaan Kibbaa, Ugaandaa, Keeniyaa fi Naayjeeriyaa dabalatee dura taa’aan Koomishinii  Gamtaa Afrikaa  Muusaa Faaqii walgahiicha irratti akka hirmaatan ni eegamu.

Ajandaan ijoo marichaas akkaataa nageenyi waaraa Sudaanii fi Liibiyaatti dhufuu danda’u irratti xiyyeeffatee kan gaggeeffamu ta’uu ibsameera.

Torbee darbe Gamtaan Afrikaa manni maree waraanaa Sudaan aangoo amma qabate guyyoota 15n keessatti ummataaf yoo dabarsee kennuu baate qoqqoobbiin kan eegatu ta’uu ibsuun ni yaadatama.

Maddi፦ CGTN

 

Comments
Loading...