Fana: At a Speed of Life!

Preezdaant Kiim Joong Uun gita isaanii Viilaadmiir Puutiin waliin mari’achuufi

0 759

Finfinnee, Eebila15, 2011(FBC)-Preezdaantiin Kooriyaa Kaabaa Kiim Joong Uun gita isaanii preezdaantii Raashiyaa Viilaadmiir Puutiin waliin mari’achuufi jedhameera.

Preezdaant Kiim Joong Uun preezdaantii Raashiyaa Viilaadmiir Puutiin waliin mari’achuuf torbee kana gara Mooskoo akka imalan dhaabbileen miidiyaalee biyyattii gabaasaniiru.

Guyyaan sirrii preezdaantichi gara Mooskoo imalan garuu gabaasichaan hin ibsamne.

Mariin qondaaltonni kun lameen yeroo ammaa taasisuuf jedhan kun erga akka lakkoofsa Faranjootaa bara 2011tti taasisanii as kan jalqabaatis jedhameera.

Qondaaltonni lameenis dhimma nuukleeraa irratti mari’achuuf beelama kan qabatan ta’uu ibsameera.

Maddi; BBC

Comments
Loading...