Fana: At a Speed of Life!

Obbo Dammaqaa Makoonnan waltajjii dhimma nageenyaa Sudaan irratti hirmaatan

0 125

Finfinnee, Eebila 15, 2011(FBC)- Itti aanaa muummee ministiraa obbo Dammaqaa Makoonnan waltajjii dhimma nageenyaa Sudaan irratti hirmaatan.

Waltajjichi Gibtsitti gaggeeffameera.

Manni Maree Cee’umsaa Raayyaa Ittisaa Sudaan biyyattiitti sirna demokraasii akka mirkaneessu baatiin 3 akka kennamuuf waliigalameera.

Gamtaan Afrikaa manni marichaa guyyootii 15 keessatti taayitaa qabate bulchiinsa siiviiliif yoo hin dabarsin, Sudaan miseensummaarraa kan ittisu ta’uu ibsuun isaa ni yaadatama.

Marii har’a gaggeeffameenis guyyootiin ittisaa akka dheereffamuuf waliigalameera.

Preezdaantiin Gibts Abdulfattaah Al Siisiin dhuma marichaarratti heerri mootummaa akka deebi’u waliigalamuu ibsaniiru.

Marichi affeerraa dura taa’aa yeroo Gamtaa Afrikaa preezdaantii Gibts Abdulfattaah Al Siisitiin kan gaggeeffamedha.

Comments
Loading...