Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaa fi Ruwaandaan dirree misooma dargaggootan waliin hojjechuuf waliigalan

0 81

Finfinnee, Eebila 15, 2011(FBC)- Ityoophiyaa fi Ruwaandaan dirree misooma dargaggootaarratti walta’iinsaa fi qindoominaan waliin hojjechuuf waliigalaniiru.

Ministirri Ministeera Dhimma Dubartootaa, Daa’immanii fi Dargaggootaa FDRI aadde Yaalam Tsaggaayee gita isaanii Ruwaandaa aadde Roozmeerii Miibaazii waliin guyyaa har’aa magaalaa Kiigaaliitti mari’ataniiru.

Marii isaaniitin Ityoophiyaa fi Ruwaandaan muuxannoo gama misooma dargaggootan qaban walii qooduu fi wal deeggaruuf walii galuun isaanii ibsameera.

Kana bira darbees ministiroonni lamaan hariiroo biyyoota michuu lamaanii gama hundaan cimsuun waliin hojjechuuf waliigaltee irra gahuu isaanii odeeffannoon Waajjira Dubbi Himaa Ministeera Dhimma Alaa irraa arganne ni mul’isa.

Comments
Loading...