Fana: At a Speed of Life!

Gaambeellaatti daa’imman kuma dhibba 1 fi kuma 50 oliif talaalliin pooliyoo kennamaa jira

0 102
Finfinnee, Eebila 15,2011(FBC)- Naannoo Gaambeellaatti daa’imman umriin isaanii 5 gadi ta’e kuma dhibba 1 fi kuma 50 oliif talaalliin pooliyoo mana manatti kennamaa jira.
 
Sagantaan talaallichaas Eebila 14 amma Eebila 17,2011tti kan gaggeeffamu ta’uu Waajjirri Prees Sakreetarii Naannoo Gaambeellaa beeksiseera.
 
Talaallichi magaalaa Gaambeellaa dabalatee aanaalee 14 fi buufataalee baqattootaa 7tti kennamaa jira.
 
Sagantichaan daa’imman umriin isaanii waggaa 5 gadi ta’e; 151,761 talaallicha kan fudhatan ta’a.
Comments
Loading...