Fana: At a Speed of Life!

Komediyaan Zeleniskii filannoo preezdaantummaa injifate

0 406

Finfinnee, Eebila 14, 2011(FBC)-Komediyaan Volodyimaar Zeleniskii filannoo preezdaantummaa Yuukireenitti gaggeeffameen sagalee %73 argachuun injifate.

Preezdaantiin biyyattii Peetroo Poorosheenkoon filannoo gaggeeffameen injifatamuu isaanii amanuun siyaasa keessaa garuu akka hin baane deeggartoota isaaniif ibsaniiru.

Erga bu’aan filannichaa beekamee booda Zeleniskiin haasaa deeggartoota isaaniif godhaniin isin hin qaanessu cimeen hojjedha jedhaniiru.

Dabalataanis haasaa isaaniin akka lammii biyya Yuukireen tokkootti biyyoota Sooviyeet waliin dhimmoota adda addaa irratti waliin hojjechuu fi wanti hundi akka danda’amu himuun barbaada jedhaniiru.

Komediyaan Zeleniskiin waggoottan dhufan shaniif preezdaantii Yuukireen ta’uun ni tajaajilus jedhameera.

Xiinxaltoonni siyaasaa tokko tokko lammiileen Yuukireen nama siyaasaa muuxannoo guddaa qabu Peetroo Poorosheenkoo dhiisanii komidiyaanii muuxannoo siyaasaa hin qabne filatan jechuun qeeqaa jiru.

Maddi; BBC

 

 

Comments
Loading...