Fana: At a Speed of Life!

Waltajjiin hariiroo obbolummaa ummata Oromoo fi Amaaraa cimsu magaalaa Ambootti eegalame

0 86

Finfinnee, Eebila 13, 20011(FBC)-Waltajjicharraatti itti aanaa preezdaantii mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa, hogganaa waajjira giddu galeessaa ODP obbo Addisuu Araggaa, preezdaantii mootummaa naannoo Amaaraa Dooktar Ambaachaw Mokoonnan, ministira Ministeera Dhimma Alaa obbo Gadduu Andaargaachaw fi qondaaltonni ol aanaan mootummaa naannolee lamaanii fi federaalaa irratti argamaniiru.

Mariin bakka bu’oota saba Oromoo fi Amaaraa ni gaggeeffama jedhameet eegama.

Kaayyoon marichaa saboonni lamaan bara dheeraaf obbolummaan, nageenyaa fi jaalalaan kan waliin jiraatan waan ta’eef aadaa fi duudhaa waliin jireenyaa qaban daran cimsuun jijjiirama akka biyyaatti galmaa’aa jiru waliin ceesisuuf sochii taasifamu keessatti qooda isaanii akka bahaniif yaadamee kan taasifamu ta’uu ibsameera.

Picture Credit: OBN

Comments
Loading...