Fana: At a Speed of Life!

Tokkummaa Ityoophiyaatiif calmaatti ni hojjena –Itti aanaa preezdaantii naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa

0 127

Finfinnee, Eebila 13, 2011(FBC)- Itti aanaan preezdaantii mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa waltajjii obbolummaa ummata Oromoo fi Amaaraa cimsu guyyaa har’aa magaalaa Ambootti gaggeeffamaa jiru irratti haasaa taasisaniin akka jedhanitti tokkummaa Ityoophiyaa egsiisuuf calmaatti kan hojjennu ta’a jedhaniiru.

Hawaasa lameen addaan baasuuf yaaliin  humnoota adda addaan taasifamus kan hin milkoofne ta’uu ibsaniiru.

Ummata  Oromoo fi Amaaraa tokko taasisuuf qeerroon keenya injifannoo guddaa galmeesisanii jiru.

Dargaggoonni Oromiyaa Xaanaan keenya  jedhanii laga Xaanaa irraa Inbocii kaasuu irratti hirmaannaa taasisaniin tokkummaa Oromaaraa cimsuuf tumsi taasisan kan hin dagatamne ta’uus ibsaniiru.

Qaamolee saboota lamaan jidduutti nageenyii fi tasgabbiin akka hin jiraanne hojjetan ummanni gama lachuu dammaqinaa fi xiyyeeffannoon hordofuun seeraatti dhiyeessuu akka qaban itti aanaan preezdaantichaa dhaamaniiru.

Comments
Loading...