Fana: At a Speed of Life!

Waltajjiin ummataa Oromaaraa booru Ambootti gaggeeffama

0 115

Finfinnee, Eebila 11,2011(FBC)- Waltajjiin ummataa Oromaaraa Dilbata dhuftu Eebila 13,2011 magaalaa Ambootti gaggeeffama.

Hogganaan Biiroo Dhimmoota Koominikeeshinii Oromiyaa obbo Admaasuu Daamxon FBCtti akka himanitti, hirmaattonni waltajjichaa magaalota Oromiyaa ga’anitti booru ni simatamu.

Hirmaattonni naannoo Amaaraa gara waltajjichaa kan dhufan karra lamaan; karaa Fiichee fi Dabra Birihaanini.

Keessummoonni karaa Fiichee dhufan aanaa Warra Jaarsoo laga Abbayyaarraa kaasee ni simatamu.

Kan karaa Dabra Birihaanin dhufanis magaalota ga’anitti ni simatamu.

Waltajjichi hariiroo ummata lamaanii gama hundaan cimsuu, gufuuwwan dabaan ummata lamaanirratti raawwataman maqsuu fi jijjiirrama dhufe tumsaan itti fufsiisuuf ni mari’ata.

Sagantaa kanarratti hoggansi naannoo Oromiyaa fi Amaaraa, federaalaa fi bakka buutonni ummattoota lamaanii ni hirmaatu.

Godinni Shawaa Lixaa fi magaalaan Amboo waltajjii ummataa Oromaaraa kana keessummeessuuf qophii ga’aa godhaniiru.

Comments
Loading...