Fana: At a Speed of Life!

Tajaajila fooddaa tokkootif waliigalteen deeggarsa $ miiliyoona 7.5 mallattaa’e

0 101
Finfinnee, Eebila 12, 2011(FBC)- Marsaa jalqabaa tajaajila fooddaa tokkoo cimsuuf waliigalteen deeggarsa Doolaara Ameerikaa miiliyoona 7.5 mallattaa’e.
 
Waliigaltichas Ministeera Galiiwwanii fi Eejansii Tumsaa Idil Addunyaa Kooriyaatu mallatteesse.
 
Waliigaltichas ministirri Ministeera Galiiwwanii aadde Adaanach Abeebee fi daayreektarri eejansichaa Suujiin Kiim mallatteessaniiru.
 
Deeggarsichaaf kan galateeffatan aadde Adaanach, tumsichi hojimaata daldalaa ammayyeessuu fi humna uumuuf ni gargaara jedhaniiru.
 
 
Tajaajilli fooddaa tokkoo invastimantii, daldala alergii fi alaa gara biyyaa galfamu tumsuu, akkasumas loojastiiksii cimsuuf ni gargaara.
Comments
Loading...