Fana: At a Speed of Life!

Qamadii alaa galu waggaa 4tti oomisha biyya keessatiin bakka buusuuf karoorri qophaa’e

0 133
Finfinnee, Eebila 12, 2011(FBC)- Qamadii alaa galu waggaa 4tti guutummaan oomisha biyya keessatiin uwwisuuf karoorri qophaa’e ifoome.
 
Ministir deettaan Ministeera Qonnaa obbo Saanii Radiin misoomaa fi itti fayadama qabeenya uumamaarratti sululoota miiliyoona 3.6 misoomsuun yaadamee dachaadhaa ol milkeessuun danda’amuu ibsaniiru.
 
Bara oomishaa kanatti oomisha kuntaala miiliyoona dhibba 3 fi miiliyoona 74 argachuuf qophiin taasifamuu himaniiru.
 
Ooyruu xixiqqaa qonnaan bulaa lafa heektaara miiliyoona 1.1 jallisiidhan misoomsun karoorfamee, karooraa ol hojjetamuu ministir deettichi ibsaniiru.
 
Ministirri Ministeera Qonnaa obbo Umar Huseen gama isaanitiin teeknooloojii fayyadamuun hojii qonnaa guddisuuf qophiin taasifamuu himaniiru.
 
Kun bu’a qabeessa taasisuudhan, waggaa 4tti oomisha qamadii alaa galu bakka buusun ni danda’ama jedhaniiru.
 
Waltajjiin hayyootaa fi qooda fudhattoota damichaa hirmaachise gaggeeffameera.
Comments
Loading...