Fana: At a Speed of Life!

Keessummoonni naannoo Amaaraa Amboo galaniiru

0 219
Finfinnee, Eebila 12,2011(FBC)- Waltajjiin obbolummaa ummata naannoo Oromiyaa fi naannoo Amaaraa booru magaalaa Ambootti gaggeeffama.
 
Hirmaattota waltajjichaa naannoo Amaaraatii ka’aniif magaalota Oromiyaatti simannaan taasifameefira.
 
Hirmaattota naannoo Amaaraa gara waltajjichaa dhufaniif; karaa Fiichetiin laga Abbayyaarraa kaasee magaalota Oromiyaa maratti, kan karaa Dabra Birihaanin dhufaniifis magaalota Oromiyaa maratti simannaan godhameefira.
 
Waltajjichi hariiroo ummata lamaanii gama hundaan cimsuu, gufuuwwan dabaan ummata lamaanirratti raawwataman maqsuu fi jijjiirrama dhufe tumsaan itti fufsiisuuf ni mari’ata.
 
Sagantaa kanarratti hoggansi naannoo Oromiyaa fi Amaaraa, federaalaa fi bakka buutonni ummattoota lamaanii ni hirmaatu.
 
Godinni Shawaa Lixaa fi magaalaan Amboo waltajjii obbolummaa ummata naannoo Oromiyaa fi naannoo Amaaraa kana keessummeessuuf qophii kan taasisan yammuu ta’u, simannaa ho’aas taasisaniifiru.
Comments
Loading...