Fana: At a Speed of Life!

Hoggansi naannoo Oromiyaa Gimbiitti ummata waliin mari’ate

0 172

Finfinnee, Eebila 12, 2011(FBC)-Itti aanaa preezdaantii mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa fi hogganaan Waajjira ODP Giddugaleessaa obbo Addisuu Araggaan jiraattota godina Lixa Wallaggaa waliin mari’atan.

Marichi har’a magaalaa Gimbiitti taa’ameera.

Waltajjicharratti gaaffileen dhimma nageenyaa, fayyadamtummaa diinagdee, bulchiinsa gaarii, carraa hojii fi kallattii gara fuula duraarratti ka’anii irratti mari’atameera.

Hoggansi mootummaa naannoo fi dhaabaa lammanis gaaffilee ka’aniif deebii fi yaada laataniiru.

Hoggansi kanneen kaleessa ganama bakka buutota ummata godina Qeellam Wallaggaa waliin magaalaa Dambi Doollootti mari’ataniiru.

Waaree boodammoo naannoo Beenishaanguul Guumz, magaalaa Asoosaatti hoggansa naannichaa waliin mari’ataniiru.

Comments
Loading...