Fana: At a Speed of Life!

Shaqaxoota bu’uuraa hawaasaf dhiyeessuuf hojjetamaa jira jedhame

0 263
Finfinnee, Eebila 11, 2011(FBC)- Eejansiin Hojii Gamtaa Finfinnee shaqaxoota bu’uuraa sirnaan hawaasaf dhiyeessuuf hojjechaa jiraachuu beeksise.
 
Eejansichatti daayreektarri gabaa obbo Muluu Shawaan akka FBCtti himanitti yeroo baay’ee komiin hawaasarraa ka’u raabsaa waliin walqabata.
 
Dhiyeessii fi raabsaarratti komii hawaasarraa ka’u furuuf qindoominaan kan hojjetamu ta’uus eeraniiru.
 
Ayyaana Du’aa Ka’uu ilaalchisee hanqinni dhiyeessii fi daballiin gatii akka hin mudanne qooda fudhattoota mara waliin kan hojjetamu ta’uus ibsaniiru.
 
Hawaasni shaqaxoota bu’uuraa barbaadu suuqota shamattootatii argachuu kan danda’u ta’uu ibsu daayreektarichi.
Comments
Loading...